Kolleejjiin Teeknooliink barattoota kuma 1f 535 eebbisiise

You are currently viewing Kolleejjiin Teeknooliink barattoota kuma 1f 535 eebbisiise

AMN PLUS – Hagayya 18/2017

Kolleejiin Teeknooliink barattoota kuma 1fi 535 marsaa 13ffaaf ogummaawwan garagaraatiin barsiisaa ture guyyaa har’aa Mooraa Yuunivarsiitii Finfinneetti eebbisiiseera.

Sagantaa eebbaa kanarratti ergaa kan dabarsan Pirezidaantiin Kollejjichaa Dachaasaa Margaa koolleejjichi waggoottan 16 darbaniif barnoota qulqullina qabuufi teeknooloojiin hidhata qabu kennaa turuun dhaloota ga’umsa qabu ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaa bahatu oomishaa jiraachuu himaniiru.

Guyyaa har’aa kanas barattoota kuma 1f 535 eebbisiisuu himuun, eebbifamtoota bara kanaafis carraa gaarii hawwaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa gama isaaniin Kollejjiin Teeknooliink cabiinsa barnootaa waggoottan darban mudatan furuu keessatti qoodni dhaabbilee dhuunfaa murteessaa tahuu himan.

Ergaa dabarsaniinis Dhaloonni har’aa barnootaan gahoomuun lammii gaarii biyyasaa ijaaru tahuu qabu jedhan.

Ministeera Barnootaatti Hoji gaggeessaa Olaanaa dhaabbilee barnoota olaanoo Dr. Eebbaa Miijanaa, sagantaa eebba kanaarratti argamuun akka jedhanitti biyyi barnootaan ala jijjiiramte kan hin jirre tahuu kaasuun, eebbifamtoonni har’aa Itoophiyaa beekumsaan ceesisuu keessatti gahee isaanii bahachuu qabu jedhan.

Ogummaa baranneen hawaasa keenya tajaajiluuf qophoofnee jirras jedhan barattoonni kolleejjichi har’a eebbisiise.

Darajjee Bayyanaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply