Kolombiyaan Finfinneetti imbaasii bante

You are currently viewing Kolombiyaan Finfinneetti imbaasii bante

AMN PLUS- Hagayya 21, 2017

Kolombiyaan Embaasii ishee Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti bante.

Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Itoophiyaatti daawwannaa hojii taaasisaa jiru.

Firaansiyaa Maarkeez turtii isaaniin guyyaa har’a Magaalaa Finfinneetti Embaasii Kolombiyaa bananiiru.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos fi Hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.

Dooktar Geediyoon wayita kanatti, Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez hariiroo Itoophiyaa fi Kolombiyaa cimsuuf murannoo agarsiisan dinqisifataniiru.

Hariiroon diiploomaasii Itoophiyaa fi Kolombiyaa bara 1949 kan jalqabame yoo ta’u Kolombiyaan bara 1967 Finfinneetti imbaasiis bantee turte.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply