Komishinichi Dhaabbata Cimaa Ijaaruuf hojjachaa jira- Komishinar Dabalee Qaabataa

You are currently viewing Komishinichi Dhaabbata Cimaa Ijaaruuf hojjachaa jira- Komishinar Dabalee Qaabataa

‎AMN PLUS- Hagayya 05/2017

‎Komishiniin Gumuruuka Itoophiyaa leenjifamtoota haaraaf Galma Bar-kumee keessatti sagantaa simannaa qopheessaa jira.

‎Sagantaa kana irratti Komishinarri komishinii Gumuruuka Itoophiyaa Dabalee Qaabataa, Pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Saamu’eel Kiflee (PhD) fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

‎Komishinar Dabalee ergaa dabarsaniin Komishiniin Gumuruukaa Itoophiyaa dhaabbata cimaa ijaaruuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

‎Humna namaa naamusaa fi cimina qabu uumuuf dambiiwwaniifi hojimaata yeroo ammaa wajjin deemu qopheessuun dhaabbata teeknooloojiin gurmeessuu hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

‎Komishinicha gama humna namaatiin daran gurmeessuuf guutuu biyyattiirraa hojjettoonni haaraan kuma sadii ol qacaramuu komishinarichi himaniiru.

‎Ogeeyyiin haaraan kunneen leenjii kana sirnaan fudhachuudhaan ergama biyyi isaaniif kennituuf of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Hojiin komishinichaa caasaa cimaan gurmaa’ee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

‎Madda: Tajaajila Oduu Itoophiyaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply