Komishinii Hooggansa Hojii Sodaa Ibiddaa fi Balaa Finfinnee teeknooloojiin gurmeessuun cimee itti fufa – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Komishinii Hooggansa Hojii Sodaa Ibiddaa fi Balaa Finfinnee teeknooloojiin gurmeessuun cimee itti fufa – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN Caamsaa 17/2017

Komishinii Hooggansa Hojii Sodaa Ibiddaa fi Balaa Finfinnee human namaa fi teeknooloojii yeroon gaafatuun gurmeessuun cimee akka itti fufu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Guyyaan Ibiddaa fi balaa mata duree “aarsaan misooma magaalaa balaarraa eegameef kaffalamu gootummaadha” jedhuun magaalaa Finfinnee addaababayii Masqalaatti kabajameera.

Kantiibaa Adaanech Abeebee, Af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, Komishinarri komishinii hooggansa soda balaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Dr. Shifarraawu Taklamaaram akkasumas hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana hojjettoonni Ibiddaa fi balaa wayita balaan mudatu lubbuu namaa fi qabeenya kan oolchan gootota jedhaniiru.

Guyyaan kun kan kabajamu tajaajila hojjettoonni Ibiddaa fi balaa kennaniif kabaja kennuu fi galateeffachuuf jedhan.

Komishinii hooggansa Hojii Sodaa Ibiddaa fi Balaa Finfinnee human namaa fi teeknooloojii yeroon gaafatuun gurmaa’ee tajaajila magaalattii madaalu kennuu akka danda’u hojjetamuu eeraniiru.

Kunis cimee akk itti fufu kantiibaa Adaanech mirkaneessaniiru.

Saganticharratti hojjettoota hooggansa hojii sodaa ibiddaa fi balaan sagantaan sadarkaa itti uffisuu fi agarsiifni konkolaattota ibiddaa fi balaa ittisuu

dhihaateera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply