Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa Invastimatii Alaa hawwachuuf akka waliin hojjatan ibsan

You are currently viewing Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa Invastimatii Alaa hawwachuuf akka waliin hojjatan ibsan

‎AMN PLUS-Sadaasa 4/2018

‎Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa invastimantii alaa kallattiin hawwachuuf waliin akka hojjatan ibsaniiru.

Gamtaa Awurooppaatti Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Dhimma Alaa Afriikaa waliin haala itti abbootiin qabeenyaa miseensota gamtichaa Itoophiyaa keessatti hojii invastimantii irratti qoodan fudhatan ilaalchisee mari’ataniiru.‎

‎Komishinarri Komishinii invastimantii Itoophiyaa Zallaqaa Tamasgeen (PhD) Gamtaa Awurooppaatti Daayirektarri Tajaajila Dhimma Alaa waliin haala itti abbootiin qabeenyaa miseensota gamtichaa Itoophiyaa keessatti hojii invastimantii irratti qoodan fudhatan ilaalchisee mari’ataniiru.‎‎

‎Komishinarichi mootummaan Itoophiyaa seera 198 ol fooyyessuun invastarootaaf haala mijataa akka uume ibsaniiru.

‎Itti dabaluunis, invastaroota biyyoota Gamtaa Awurooppaatiif Itoophiyaatti haala mijeessuuf Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee mootummaa biroo waliin hojjachaa akka jiru dubbataniiru.

‎Paatriishiyaa Loombaard, Itoophiyaa waliin hojjechuun akkuma biyyoota ollaa waliin hojjechuu ta’uu ibsuun, abbootiin qabeenyaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa haala itti Itoophiyaa keessatti hojjachuu danda’an mijeessuuf ciminaan akka hojjatan ibsaniiru.

Madda: Komishinii Invastimantii Itoophiyaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply