Koobii Maayinoo maalif Maanchester Yunaayitid gadhiisuuf murtesse?

You are currently viewing Koobii Maayinoo maalif Maanchester Yunaayitid gadhiisuuf murtesse?

AMN PLUS – Hagayya 21/2017

Taphataan dirree walakkaa Maanchester Yunaayitid Koobii Maayinoo taphattoota murteessoo kilabichi qabu kessaa isa tokko.

Akkaadaamii kilabichaatu oomishe, qe’ee Yunaayitiditti guddate.

Erik Tenhag leenjisaa Maanchester Yunaayitid yeroo turettii taphataa kanaaf carraa kennuun gahumsa isaa agarsiise.

Stok port Greater Manchester kessattii Kan dhalate taphataan kun bakki guddinaa isaas achuma.

Ruben Amoorim erga leenjisaa haaraa ta’uun gara Old Traafoord dhufanii taphattoota ijoo jedhaman 5 kilabichaa kessaa baasan.

Amma immoo Koobii Maayinoo caalaa sarara walakkaa kilabichaaf taphattoota biroo akka fayyadaman ibsaa jiru.

Taphatichi teessoo jijjirraa irra taa’uu caalaa kilabicha gadii dhisuu akka barbaadu boordii kilabichaa gafachuun isaan gabaafamaa jira.

Maanchester Yunaayitid erga bara wal dorgommii 2012/2013 leenjisaa seenaa qabessa Sir Aleeks Chaakmaan Farguusan hojii gadi dhiisanii booddee lenjiftoonni hedduun kilabicha seenan taphattoota unkuraa, kaan ari’aa, kaanis tooftqa taphaan hin mijoofnr jechaa Bakka taphattoonni itti qisaasa’an ta’eera.

Maanchester guddicha arguunis hin danda’amne. Amooriim erga dhufanii waggaa tokko. Maarree ijoolleen akkaadaamiitti guddatan hedduuf bakka kennaa hin jiran.

Maarkas Raashford, Jeedan Saancho, Antoonii, Alehaandro Garnaachoo, Raasmas Hoylund dabalatee taphatonni hedduun kilabichaa gadii dhiisuuf warren jiraniif gadi dhiisanidha.

Rabbirraa Hirphaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply