Kooriyaan Kaabaa, daawwannaa Tiraamp dursuun yaalii misaa’ilaa taasiste

You are currently viewing Kooriyaan Kaabaa, daawwannaa Tiraamp dursuun yaalii misaa’ilaa taasiste

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 19/2018

‎Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, daawwannaa Kooriyaa Kibbaatti taasisuuf jiraniin gita isaanii Kooriyaa Kaabaa Joong Kiim Uun waliin mari’achuuf fedhii qabaachuu ibsuu isaanii hordofee, Piyoongyaang yaalii misaa’ilaa taasisuu ibsite.

‎Kooriyaan Kaabaa har’a misaa’ilota fageenya dheeraa furgiggifaman gara Galaana Keellootti dhukaasuu ishee kan beeksiste, wayita Tiraamp, Yaa’ii Walta’iinsa diinagdee Eeshiyaa Paasifik (APEC) irratti hirmaachuuf gara Se’ulitti imaluuf jiranitti ta’uu beekameera.

Sabaa Himaan Kooriyaa Kaabaa KCNA misaa’illi kun Sekondoota 7,800 keessatti bakka qiyyaafate akka rukutu fooyyeffamee hojjatamuu isaa gabaaseera.

‎KCNA misaa’illi kun fageenya hangam akka imaluufi wantoota wal qabatoo biroo irratti ibsa bal’aa kennuu irraa of qusateera.

‎Kiim Joong Uun sirna yaalii misaa’ilaa kana irratti kan hin argamne ta’uu ibsameera.

Komishinarri Komishinii Humna Waraanaa Biyyattii Paak Joong-Choon, “biyyattiin anniisaa niwukilaraan jijjiirama qabatamaa mul’isaa jirti” jechuun dubbachuun, haala itti gaafatamummaan itti dhaga’amuun fayyadamtus diinota ishee irratti garuu olaantummaa mirkaneessuu akka barbaaddu ibsaniiru.

Kooriyaan Kaabaa, fedhii marii Tiraampiif deebii kennuus baattu, baatii shan booda yaalii misaa’ilaa taasisuun ishee iyyuu, akka marii kanaaf qophii hin taane deebii ta’uu mala jechuun kanneen xiinxalan jiraachuu Anadolun gabaaseera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply