Koreen Hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Ebla 17 bara 2017 hanga Ebla 18 bara 2017tti walga’iisaa idilee taa’eera.
Walga’ii kanaanis dhimmoota siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippilomaasii irratti bal’inaan mari’ateera.
Itoophiyaa bara 2018 abdii irraa gara ifa qabatamaatti ceesisuufi ara 2023tti fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf, bara 2040tti ammoo fakkeenya badhaadhinaa addunyaa taasisuuf mul’ata qabatte, akka milkeessitu agarsiiftuuwwan milkaa’inaa mul’achuu koreen Hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa mirkaneesseera.
Yaa’ii 2ffaa paartii badhaadhinaa booda gama siyaasaafi dippilomaasiitiin milkaa’inoonni jajjaboon galmaa’aniiru.
Paartilee morkattootaa sadarkaan jiran, waliin mariifi waltumsi taasifame seenaa siyaasaa Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesisedha.
Naannoo tokkorraa kan hafe, marii biyyaaleesaaf ajandaa walitti qabuun xumurameera.
Naannoolee biyyattii garaa garaa keessatti nageenyi waara’aa jira.
Mootummaan waamicha nagaa irra deddeebiin dhiyeesse hordofee hidhattoonni gara nagaatti dhufaniifi harka kan kennatan, guyyaadha guyyaatti lakkoofsi isaanii dabalaa jira.
Humni nagaa kabachiisuu mootummaa dabalaa dhufeera.
Waldhabdeen Somaaliyaa waliin tures karaa dippilomaasiin furameera.
Ejjennoon Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa akka qabaattuuf qabatames fudhatamummaa idil addunyaa argateera.
Itoophiyaan hariiroo Dhaabbilee maallaqaafi faayinaansii waliin fooyya’uun olitti deeggarsi taasifamu dabalaa jira.
Waltajjiiwwan idil addunyaa barbaadamuun Itoophiyaa dabaleera.
Hariiroon dippilomaasiis gama hundaan cimee mul’ateera
Raawwiin hanga ammaa jiru kan argisiise, barana guddinni diinagdee waliigalaa akkuma karoorfame kan guddatu ta’uu koreen Hojii raawwachiiftuu qorateera.