AMN PLUS – Onkoloolessa 01/2018
Kubbaaniyyaan Siinotiraakii rakkoo teekiniikaa qabaniif istaandaardii isaanii guutuuf sirreessuu jalqabuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.
Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiiksii Obbo Baara’oo Hasan gareen teekiniikaa kubbaaniyyaan siinotiraakii Itoophiyaatti sochii taasisaa jiru daawwataniiru.
Kubbaaniyichi sababa naannoo fireeniin isaanii rakkoon teekiniikaa jiruuf balaan tiraafiikaa qaqqabaa akka turee fi kunis qorannoon bira gahamee sana sirreessuuf hojii eegaluu ibsaniiru.
Oomishootni kunneen caalmaatti kan isaan hin guuttanne keessaa kaameeraa keessaa fi alaa digirii 360 agarsiisan, cimina fireenii, ulfaatina iyyamameen ala yoo fe’an sagalee bilbilaan beeksisu, bakka hundumaatti akka waa hin dhangalaasneef qadaaddoo dhorkituu fi kutaaleen biroo daawwatamuu ibsa Ministeerichi AMN Digital’f ergeen beeksiseera.