AMN PLUS- Guraandhala 17/2017
Kutaa Magaalaa Gulalleetti Aanaa 5 Mooraa Giddugala Biqiltuu Gulalleetti ijoolleen bool’aa bishaan kuufate keessa bishaan daakuuf seenan lubbuun isaanii darbeera.
Ijoolleen kunniin kaleessa ganama sa’atii keessa kubbaa taphachaa erga turanii booda bool’aa bishaan kuufate keessa bishaan daakuuf erega seenanii booda lubbuun isaanii darbuu Komishinii Hoggansa Ibidda fi Balaatti Ogeessi Sub-quunamtti kan ta’an obbo Nigaatuu Maammoo AMN Diijitaalitti himaniiru.
Hojjetoonni yeroo balaa komishinichaa reefa ijoollewan kaana baasuun polisitti kenneera.
Ijoollee linbbuun darban kana keessaa 2 umurii waggaa 13 yyo ta’an tokko immoo waggaa 16 ta’uun ibsameera.