Liigota gurguddoo Awurooppaa Shanan keessaa tokko kan tahe dorgommiin Laaligaa Ispeen har’a eegalama.
Taphootni lamas baniinsa bara dorgommii 95ffaa Laaligaa kanarratti adeemisafamu.
Har’a galgala sa’aatii 2:00 irratti Jiroonaan Raayoo Vaayekaanoo keessummeessa.
Jiroonaan bara dorgommii tokko dura imala ajaa’ibsiisaa taasisuun Laaligaa irratti hirmaate, bara dorgommii darbe jechuunis 2024/25 keessatti dorgommicha keessatti milkaa’uun isa rakkisaa turullee sababaa qabxii tokkoon qofa kufaatiirraa oole.
Gama biraatiin, Raayoo Vaayekaanoon qabxii Konfiransi Liigii Awurooppaatti hirmaachuuf isa dandeessisu fiduun xumure.
Taphoota har’a galgala eegaman keessaa, Viyaariyaaliifi Oviyeedoo tapha har’a galgala eegamu isa biraati.
Waggoota 24 booda gara dorgommii kanatti kan deebi’e kilabni kun gara Istaadiyoo Seeraamikaatti imaluun liigichaaf tapha isa jalqabaa tahe ni gaggeessa.
Kilaba isaa ijoollummaa gara olaantummaa isaatti kan deebise Saantii kaazorlaan baranas qaamuma tuuta kanaa tahee itti fufa.
Kilabni taphataa Toomaas Paarteen dhiyeenyatti jijjiirraan fudhate kun akka injifatus tilmaamameera.