Lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa jiraatan marii biyyaalessaarratti akka hirmaataniif waamichi dhiyaate

You are currently viewing Lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa jiraatan marii biyyaalessaarratti akka hirmaataniif waamichi dhiyaate

AMN PLUS- Hagayya 12/ 2017

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa bakka bu’oota naannolee 11, bulchiinsa magaalota lamaa akkasumas, dhaabbilee federaalaa fi bakka bu’oota hawaasa wal gahuun waltajjii marii ummataa irratti ajandaa qooda fudhattoota irraa walitti qabuun xumuruu beeksise.

Hirmaachisummaa adeemsa marii caalaatti mirkaneessuufi bu’aa marii guddisuuf lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi dhalattoota Itoophiyaa ta’an marii keessatti hirmaachuun gahee isaanii gumaachaa jiraachuun ibsameera.

Kanumaan walqabatee hawaasa diyaaspooraa waliin yeroo adda addaatti marii onlaayinii taasisaa turuu isaa kan ibse komishinichi, adeemsa marii biyyaalessaa ilaalchisee yaada ijaarsaa fi ajandaa dhiyeessuu akka danda’an agarsiisuu isaanii ifoomsaniiru..

Komishinichi dhaqqabummaa isaa bal’isuu fi hirmaannaa hiika qabu mirkaneessuuf biyyoota diyaaspooraan bal’inaan itti argaman filachuun qaamaan argamanii diyaaspooraa adda addaa walitti fiduun dhimmoota biyyoolessaa irratti mari’achuun ajandaa bu’uuraa ta’e adda baasuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Haaluma kanaan Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa Hagayya 30, 2025 (Sanbata) lammiilee Itoophiyaa fi dhalattoota Itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa jiraatan waliin ajandaa marii ummataa akka taasifamu beeksiseera.

Kanaafuu, Hagayya 30 dura dhuunfaanis ta’e garee fi dhaabbileedhan rakkoolee bu’uuraa biyyattii mudachaa jiran furuuf gargaaran adda baasuun Ajandaawwan bu’uuraa irratti mari’achuu akka qaban lammiilee diyaaspooraa kanaf komishinichi waamicha kabajaa dhiyeessaniiru..

Sababa adda addaatiin biyyaa baahanii Ameerikaa Kaabaafi naannoo sana jiraatan lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa , hayyoota, namoota siyaasaa, namoota bebbeekamoofi dhiibbaa uumuu danda’an, abbootii amantaa, barattoota, hoggantoota waldaalee fi jaarmiyaalee adda addaa, fi kanneen biroo sagantaa kana irratti akka hirmaataniif Komishinichi waamicha dhiyeesseera.

Hagayya 30 dura haala isaniif mijateen ajandaa dhaabbata ykn waldaa isanii kan mari’atanii adda baasan barreeffamaan qindeessinii akka galchan gaafateera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply