AMN- Muddee 25,2017
Itoophiyaan, Biraaziil pirezidaantummaa ‘BRICS’ bara 2025 fudhachuu isheetiif ergaa baga gammaddee ergiteetti.
Biraaziil bara pirezidaantummaa ‘BRICS’ isheetti mul’ata bulchiinsi idil-addunyaa haqa qabeessa, hunda hammataa fi bu’a qabeessa akka ta’u mul’ata qabdu akka dhugoomsitu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera
Itoophiyaan Biraaziil waliin walitti dhufeenya diinagdee cimaa uumuu fi dhimma jijjiirama qilleensaa irratti waliin hojjechuuf fedhii akka qabdus Ministeerichi akeekeera.