Lammiileen Itoophiyaa Saa’udii Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kuma 3 fi 367 torban kana gara biyyasaaniitti deebi’aniiru.
Lammiileen balalii 9’n gara biyyaatti deebi’an hundumtuu dhiirota yoo ta’an warreen deebi’an keessa guddattoonni umurii waggaa 18 gadii keessatti argamu.
Marsaa 4ffaan lammiilee haala rakkisaa keessa jiran kuma 50 biyyatti deebisuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u hanga ammaatti lammiileen kuma 15 fi 684 biyyatti deebi’uu Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa odeeffanne.