Yunaayitid Kiingdam (UK), magaalaa Landan keessatti tajaajilli taaksii konkolaachisaa malee ALA’tti bara dhufu 2026 akka eegalamu, dhaabbatni Ameerikaa taaksiiwwan kanneen gabaatti galchuuf jiru”Waymo” jedhamu ibse.
Waymo’n taaksiiwwan nama malee kunneen torbanoota muraasa keessatti gara Landanitti kan fe’aman ta’uu yoo ibsu marsaa yaalii jalqabaa isaanii namoota haala addaan leenji’an wajjin erga darban booda bara 2026’tti daandii Landan irra babali’uun tajaajila imaltoota geejjibsiisuu akka eegalan ibsameera.
Taaksiiwwan konkolaachisaa malee kunneen tajaajila yoo jalqaban Landan magaalaa jalqabaa Awurooppaa keessaa tajaajilcha eegaltu taati jedhameera.
Dhaabbatni kun yaada taaksii kana oomishuu Sagantaa Konkolaataa Ofiin oofanii “Google” irraa kan fudhate yoo ta’u Ejensii Geejjibaa UK fi Landan irraa eyyema erga argatee booda tajaajilicha akka kennuu eegallu ibsameera.
Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Waymo, Tekedra Mawakana teekinooloojiin kun daandiiwwan mijaa’oo taasisuu irra darbee waliingahiinsa tajaajila geejjibaa akka babal’isu dubbataniiru..
Hoogganaan Ejensii Geejjibaa biyyattii Heyidii Aleeksaandar carraa hojiifi invastimantii waliin akka dhufu abdii godhachuun seera UK irratti hundaa’uun wixinee kana simachuu ibsaniiru.
Waymo’n giddugala laanjii isaa jalqabaa Oxford keessatti ALA’tti bara 2019 kan bane yoo tahu, tajaajila isaa kana babal’isuun Jaappaan Tookiyoottis dhiyeenyatti akka eegalu beeksiseera.
Ameerikaatti taaksii konkolaachisaa maleetiin bara 2020 irraa eegalee imaltoota Miliyoona 10 caalaniif tajaajila kennuu beeksiseera.