Liivarpuul jijjiirraa Arnoold irraa maallaqaa argate

You are currently viewing Liivarpuul jijjiirraa Arnoold irraa maallaqaa argate

AMN PLUS- Caamsaa 22/2017

Riyaal Maadriid taphataa sarara ittisaa Ingilaand Aleeksaandar Arnoold Liiverpuul irraa mallatteessisuu isaa ifatti beeksise.

Gaazexaan Atileetiik akka gabaasetti Maadriid Liiverpuul waliin waliigalteerra gahuun Arnold waancaa Kilaboota Addunyaa keessatti hammachuu isaas beekameera.

Riyaal Maadriid , Arnoold kontiraatni isaa waan hin xumuraminiif Yuuroo miiliyoona 10 kaffalee jira.

kontiraata isaa keessattis keewwata Yuuroo biiliyoona 1 kilabni isa barbaadu akka kaffaluu himameera.

Treent Arnoold gara Riyaal Maadriid imaleera, wancaa kilaboota addunyaa iratti ni taphata.

Maadriid jijjiirraa kana waancaa kilaboota addunyaa dura xummuruuf Yuroo miliyoona 10 kaffaleera.

Waligaltee Treent Arnoold diiguuf Yuroo biliyoona tokko barbaachisa.

Waligalteen Arnoold Riyaal Maadriid waliin mallateessu hanga waxabajjii 2031 kan turu ta’a jedhameera.

Darajjee Adunyaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply