Liivarpuul tapha Piriimiyerliigii jalqabaa Boornemaawuz waliin taasisu dursee jijjiirraa dabalata taasise

You are currently viewing Liivarpuul tapha Piriimiyerliigii jalqabaa Boornemaawuz waliin taasisu dursee jijjiirraa dabalata taasise

AMN PLUS- Hagayya 8/2017

Tapha Piriimiyerliigii jalqabaa Liivarpuul Boornmaawuz waliin taasisu dura taphataa sarara ittisaa Joovaanii Liyooniif Paawundii miiliyoona 26’n Paarmaa waliin walii galuu isaa Arne Slot mirkaneesaniiru.

Liyooniin dhimmoota dhuunfaa xumuruuf hara’a gara Mersisayside balali’ee yaalaa isaa akka raawwata.

Baasii jijjiirraa ganna kanaa Liivarpuul baase Paawundii miiliyoona 300 ol kan dabarsu yoo ta’u, kunis seenaa Piriimiyerliigii Ingilaandi keessatti foddaa jijjiirraa tokkotti baasii olaanaa sadarkaa sadaffaa isa taasisa.

Cheelsiin ammallee bara dorgommii 2023/24tti baasii Paawundii miilyoona 434.5 baasuun gabatee baasii irratti dursaa akka jiru Goal Sport’tu gabaase.

Tolasaa Mabraateetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply