Har’a hoo ?
Pirimeerliigiin Ingilaand maatiin ispoortii hawwiin eegan har’a eegala.
Tapha baniinsaa kanaan shaampiyoonaan bara darbee Liivarpuul dirree isaa Anfiild Rooditti Boornimaawuz keessummeessa.
Shaampiyoonaan waancaa Pirimeerliigii marsaa 20 Liivarpuul waggoota 12 darban tapha baniinsaa Pirimerrliigii irratti harka hin kennine.Taphoota taasise 12 keessaa 9 yoo injifatu,4 ammoo qabxii qooddatee bahe.

Faallaa kanaa har’a kan isa waliin morkatu,Boornimaawuuz taphoota 12 gaggeesse keessaa tokko qofa injifate,11 moo’atame.
Waancaa Koominiitii Shiildiin Kiristaal Paalaasin kan injifatame Liivarpuul ta’us jijjiirraa bara kanaa keessatti baasii guddaa baasaa jiruun tilmaama shaampiyoonummaa liigichaa argateera.
Liivarpuul bara kana jijjiirraa taphattootaaf,hanva yoonaa Paawondii mil.300 ol baasuun seenaa Pirimeerliigii Ingiliiz keessatti wayitii jijjiirraa tokkoon kilaba baasii olaanaa baase 3ffaa ta’eera.
Maarree gareen Arne Isloot taphattoota haaraa ofitti makaman gara caalu tapha baniinsaa kana irratti akka fayyadamanis eegama.
Taphichi har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegala.
Misikkir Alamaayyootiin