“Loltuu Dargiin ture, hojii dhabees rakkadheera, amma garuu misooma Finfinneen buddeen naaf ba’e”

You are currently viewing “Loltuu Dargiin ture, hojii dhabees rakkadheera, amma garuu misooma Finfinneen buddeen naaf ba’e”

AMN PLUS – Sadaasa 5/2018

Laggasaa Baqqalaa jedhamu, duraan loltuu Dargii turan, amma Ogeessa Suuraati. Loltummaa keessaa erga bahanii hojii argachuun isaaniif salphaa hin turre.

“Hojii dhabee hedduu rakkadhee ture, liqaa mootummaarraa argadheen Kaameeraa kana bitadhe, liqaa ofirraa deebisee fixeera, amma bakka misooma Magaalaa Finfinnee 4tti hojii suuraa kaasuu waldaan hojjenna” jedhu Ogeessi Suuraa Laggasaan.

Misoomni Finfinnee akka qeeqxonni jedhan ibsaa fi waan calaqqisuuf osoo hin taane namarratti xiyyeeffachuusaaf Ogeeyyiin Kaameeraa Finfinnee keessaa hojii argatan raga tokko ta’u. Obbo Laggasaa dabalatee ogeeyyiin kaameeraa 74 waldaan gurmaa’uun, Yaadannoo Injifannoo Adawaa, Paarkii Inxooxxoo, Pilaazaa 4Kiiloo fi naannawa Kaasaanchisitti suura kaasu. Maatiis ittiin bulfatu.

“Dur ogeessa mana kireeffachuu danda’utu istuudiyoo suuraa banatee ogummaa kanaan hojjeta ture, amma ogummaa kana qabaannaan bakka feetetti hojjetta” jedhu. Kun bu’aa kooriidarii ta’uu ofitti amanamummaan dubbatu.

Turistoota alaa waliin Finfinnee bakka hunda naanna’anii hojii suuraa hojjechuun galiin isaanii guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuullee himan.

Damee suuraa qofaan osoo hin taane “Nama baayyeetu buddeen itti argate” kan jedhan Obbo Laggasaan, Birbirsa Gooroo dur foolii fincaaniif namni gadi taa’uu miti, karaanuu si hin dabarsu jedhu.

“Amma garuu bakkeen hundi misoomuun maanguddoon itti boqota, seenaafi yaadannoo durii waliin taphatu, dargaggoon ammooo biddeena itti argateera. Kaan buna gurgura, kaan marga kunuunsa, inni kaan mana cuunfaa banatee suuqiis itti daldalata” jedhaniiru.

Kanaafis misoomni kooriidarii magaalaa calaqqisiisuuf osoo hin taane, kallattiidhaan jireenya lammiileetti kan hidhate ta’uu dhugaa bahaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply