Galii kaffaltoota gibiraa amanamoo irraa argamuun biyyi ijaaramaa jirti jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dubbatan.
Dooktar Abiyyi sirna beekantii fi badhaasaa kaffaltoota gibiraa amanamoo marsaa 7ffaa irratti argamuun beekamtii kennaniiru.
Waltajjicha irratti kaffaltoota gibiraa amanamoo galateeffachuu fi gammachuu isaanii qooddachuun biyya badhaadhina barbaadduuf kaffaltoonni gibiraa amanamoon haalaan barbaachisoo ta’uu hubachiisaniiru.
Liqa doolaaraas ta’ee gargaarsa alaa tokko malee maallaqa kaffaltoota gibiraan magaalaan balfaan guutamtee turte qulqulleessinee sadarkaa ijoollee keenya madaaluun bifa ishee jijjiiraa jirra jechuun haasaa isaaniin dubbataniiru.
Kanaafis Finfinnee naanna’anii daawwachuun agarsiiftuu gaarii ta’uu ibsaniiru. Finfinneen alas kaffaltoota gibiraa amanamoon biyyi ijaaramaa kan jirtu addeessaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin