Taphattuun sarara fuulduraa Seenaaf Waaqumaa kilabashee duraanii Machaaliif mallatteessite.
Taphattuun Garee Biyyaalessaa Itoophiyaaf murteessituu taate Seenaaf, kilaboota akka Magaalaa Adaamaa, Maqalee fi Baankii Daldalaa Itoophiyaa keessatti waancaa hedduu milkeessiteetti.
Seenaaf Bara dorgommii Pirimiyer Liigii 2017’tti goolii baay’ee galchuudhaan kan xumurte Seenaaf Waaqumaa, kontiraatni Baankii Daldalaa waliin qabdu xumuramuu isaa hordofee Machaaliif taphachuuf mallatteessiteetti.
Inistiraaktar Masarat Maanneetiin kan dursamu gareen dubartootaa Machaal, Wal dorgommii Primiyer Liigii Hagayya 25 jalqabamuuf jiru irratti hirmaachisuuf gareen kun taphattoota hedduu mallatteessisaa jira.