AMN Plus Adoolessa 01/2017
Kutaa Magaalaa Qirqoositti pirojektoonni misoomaa faayidaa garaagaraaf oolan eebbifamuun Tajaajilaaf banaa ta’an.
Hoji raawwachiisaa Olaanaan kutaa Magaalaa Qirqoos Addisuu Shaanqoo (Dr.) akka kutaa Magaalichaatti pirojeektonni misoomaa garaagaraa 27 baajata mootummaafi hirmaannaa uummataan ijaaramuu himanii kanneen keessaa bakka oolmaa dargaggootaa 2fi Bakka oolmaa daa’immanii sadi guyyaa har’aa eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’uu ibsaniiru.
Pirojeektota Kanneen eebbisiisuun hojii kan eegalchiisan Kantiibaa itti Aanaa Magaalaa Finfinneefi Hoogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Obbo Jaanxiraar Abbaay, Magaalaan Finfinnee daa’immaniifi dargaggoota bor biyya dhaalan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhan.
Kanaanis Magaalaa Finfinnee keessatti bakka oolmaa dargaggootaa 122fi bakka oolmaa Daa’immanii 1150 birrii biliyoona shaniin ijaaramuun guyyaa har’aa eebifamuun tajaajilaaf banaa akka ta’u eeraniiru.
Piroojektoota kanneen kunuunsanii akka itti fayyadamaniifis dhaamaniiru.
Bara kana akka Magaalaa Finfinneetti pirkojektoonni misoomaa garaagaraa baajeta mootummaafi hirmaannaa uummataan ijaaraman kuma 15fi 960 ol eebbifamanii tajaajilaaf banaa akka ta’an ibsameera.
Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.