AMN PLUS-Caamsaa 21/2017
Magaalaa Finfinneetti Hoteelota buleeyyii fi haaraa ulaagaa ka’ame guutan 40’f mirkaneessa madaallii Sadarkaa hanga Urjii 5’tti kennuu Ministeerri Tuurizimii ibse.
Ministeerri Tuurizimii ibsa Miidiyaaleef kenneeneera.
Bara 2017’tti mirkaneessa madaallii sadarkaa hoteelota buleeyyiifi haaraarratti gaggeeffameen hoteelota buleeyyii 34 fi haaraa 6’f sadarkaan abbaa urjii 5 hanga 1’tti kennamuu,Ministeera Tuurizimiitti hoji-gaggeessaa olaanaan kenna mirkaneessa madaallii sadarkaa dhaabbilee tajaajila tuuristii kennanii Obbo Taarikuu Damisee himan.
Dhibba keessaa ulaagaa ka’ame keessaa dhiibbeentaa 90 ol hoteelonni guutan sadarkaa abbaa urjii 5 argataniiru
Sadarkaan kenname kun hanga waggaa 3 qofaatti kan tajaajilu yoo ta’u, Ministeerri Tuurizimii hordoffii tasaa taasisuun hoteelonni kunneen ulaagaa ka’ame gadi ta’anii yoo argaman, Sadarkaan kennameef irraa akka ka’u ni taasisas jedhaniiru Obbo Taarikuun.
Yaaddessaa Geetaachootu qabaase.