Mariin ogeessota fayyaa hirmaachise kutaa Magaalaa Addis Katamaatti ta’aamaa jira.
Maricha karaa sur sagalee kan eegalchiisan Hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa akka biyyaattis ta’ee akka Magaalaa Finfinneetti waggoottan torban darban keessatti jijjiirama guddaa argame keessaa jijjiiramni damee fayyaa isa tokkoodha jedhan.
Magaalaa Finfinnee keessattis kenniinsa yaala fayyaa ammayyeessuuf hospitaalotaafi buufatalee fayyaarratti hojiileen gurguddoon hojjetamaa jiraachuu himan.
Mariin ta’aamaa jirus jijjiiramoota damee fayyaan argaman itti fufsiisuuf rakkoolee mul’ataniif furmaata waaraa kennuuf dandeessisa jedhaniiru.
Hojii rawwaachistuu Olaantuun kutaa Magalaa Addis Katamaa Aadde Ayidaa Awwal fi Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Abarraa Birruu (Dr) maricharratti argamuun ogeessota fayyaa mariisisaniiru.
Leensaa Hordofaa’tu gabaase