Magaalaan Finfinnee fi Gareen Daandii Qilleensaa Itoophiyaa walii galtee hojii waliin mallatteessan

You are currently viewing Magaalaan Finfinnee fi Gareen Daandii Qilleensaa Itoophiyaa walii galtee hojii waliin mallatteessan

‎AMN PLUS – Fulbaana 27/2018

‎Magaalaan Finfinnee fi Gareen Daandii Qilleensaa Itoophiyaa walii galtee waliin isaan hojjechiisuu dandeessisu mallatteessaniiru.

‎Sirni mallattoo kun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi Hoji gaggeessaa olaanaa Garee Daandii Qilleensa Itoophiyaa obbo Masfiin Xaasootiin raawwatameera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen, Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo fi miseensonni Maaneejimantii hojiilee misooma kooriidariifi qarqara lagaa daawwachuu ibsanii, haala qindaa’eefi gurmaa’een waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessineerra jedhan.

Waliigaltichi bakkeewwan gahumsa tuurizimii haaraa misooma kooriidariifi qarqara lagan misooman beeksisuu, fayyadamummaa tuuriizimii Istook Oovarii guddisuu fi mallattoo haaraa magaalichaa kan ta’e ‘New face of Africa’ beeksisuuf ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis nageenyummaa aviyeeshinii mirkaneessuufi hojiilee hawaasummaa garaagaraa waloon hojjechuuf akka ta’e ibsaniiru.

Deeggarsa Daandiin Qilleensichaa hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffataniifi misooma kooriidariif taasisaa tureef galateeffatanii, bulchiinsi magaalichaa hojiirra oolmaa waliigaltee kanaaf Daandii Qilleensichaa waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply