Magaalichatti ji’oottan 9 darban keessatti lammilee kuma 259 oliif carraan hojii dhaabbataa uumame

You are currently viewing Magaalichatti ji’oottan 9 darban keessatti lammilee kuma 259 oliif carraan hojii dhaabbataa uumame

AMN PLUS- Ebila 16/2017

Magaalichatti ji’oottan 9 darban keessatti lammilee kuma 259 oliif carraan hojii dhaabbataa uumamuu issa Biiroon Hojii fi Ogummaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Biiroon Hojii fi Ogummaa Magaalaa Finfinnee raawwii hojii ji’oottan saglan darbanii kutaalee Magaalaa fi Aanaalee Waliin qorateera.

Qorannaa raawwii hojii ji’oottan saglan darbanitti hoji dhabdoota kuma 259 fi 710’f carraan hojii uumamuu ibsameera. Carraan hojii uumame dhibbeentaan 48% Gurmeessuun yoo ta’u, dhibbeentaan 51% Qacarriin ta’uus himameera.

Carraa hojii biyya alaatiin namoota kuma 100’f carraa hojii uumuuf karoorfamee, karoora gadi namoota kuma 7’f dhibbeentaa 7% carraa hojii kan uumame ta’uus akka hanqinaatti qoratameera.

Wabii nyaataa mirkaneessuu waliin wal-qabatee namoonni duraan deeggarsaan jiraachaa turan, kuma 6 ol jireenya isaanii fooyya’uu, kanaanis deeggaramuurraa gara oomishuutti akka ce’anis qorannaa raawwii kanaan ifoomeera.

Interpiraayizootaaf walitti hidhaminsa gabaa keessaa fi alaa bal’aa uumuun danda’amuus ibsameera.

Gama biraatiin rakkoo gama bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaa irratti mul’ataa ture riifoormii taasifamee fi tekinoloojiitti fayyadamuun rakkoo duraan ture hambisuun danda’ameeras jedhame.

Abdiisaa Fufaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply