Mana Fincaanii xixiqqaa ijaaruurraa hanga Pirojektii Birrii Biliyoona 20tti- Injinar Abdii Fiqaaduu

You are currently viewing Mana Fincaanii xixiqqaa ijaaruurraa hanga Pirojektii Birrii Biliyoona 20tti- Injinar Abdii Fiqaaduu

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 25/ 2018

Duraan hojjetaa mootummaa ture, boodarra hojii dhuunfaa damee ijaarsaa eegale. Injinar Abdii Fiqaadu.

Yeroo hojii dhuunfaa eegalu Pirojektii xixiqqaa manneen fincaanii baadiyyaa ijaaruun eegale. Har’a Pirojektii birrii biiliyoona 20 olii sochoosa.

Tibbana Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa beekamtii gurguddoo lama kenneeraafi. “Kaffalaa Gibiraa Amanamaa” kan jedhuufi “Tola Ooltummaan Badhaafamaa Pilaatiiniyeemiu” taasisuun badhaaseera. Badhaasa tola ooltummaa kana obbolaa lama ta’anii badhaafaman.

‎”Gammachuun maallaqaa yerooma argatan raawwata, tola ooltummaan garuu umurii ofii guutuu kan itti gammadani” jedhan obboloonni lamaan amanamummaan badhaafaman Injinar Abdii Fiqaaduu fi Meetii Fiqaaduu.

‎Turtii Qophii Kaaribuu AMN PLUS waliin taasisaniin, magaalaa Finifinneetti hojii tola ooltummaan badhaasa hedduu akka fudhatan kan dubbatan Obbo Abdii Fiqaaduu, badhaasa ammaa adda kan taasisu yeroo jalqabaatiif bakka tokkotti obboleettii isaanii waliin beekamtiin kennamuu akka ta’e dubbataniiru.

‎Mul’ata ofiitiif amanamuun, galmaan ga’uuf karaa sirrii barbaaduufiin, erga milkaa’anii boodas bu’aa qabatamaa hawaasaaf argamsiisan beekuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

‎Yeroo hojii mootummaa hojjechaa turan dhaabbata dhuunfaa isaanii hundeessuuf karoorsaa akka turan kaasanii dubbataniiru.

‎Milkaa’inni isaanii cimina mul’ata isaanii irraa akka maddes ibsaniiru.

Pirojektiiwwan xixiqqaa ‎Mana fincaanii baadiyyaa ijaaruu irraa ka’uun hojii konstiraakshinii irratti boba’anii amma pirojektiin isaanii birrii Biliyoona 20 olitti guddachuu kaasaniiru.

‎”Namni gibira hin kaffaluun dirqama ta’uu osoo beekuu harkifata, guyyaa darbeefuu adabamanii kafalu” kan jedhan Injinar Abdiin, gibira amanamummaafi yeroodhaan kaffaluun akka badhaafaman dubbataniiru.

‎Yeroo ammaa kana manneen barnootaa ijaaruufi bishaan baasuun alatti, namoota xiinsammuufi diinagdeen miidhaman deggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Meetii Fiqaaduu gama isheen Abbaafi Haati arjummaa isaan barsiisuu kaasuun, “tola ooluun immoo waan gaarii namaaf argamsiisa” jechuun dubbatti.

‎”Namni yeroo hojii dhuunfaa isaa eegalutti gibira mootummaa qofaatti baasee kan ofii isaa irraatti karoorfachuu qaba malee, gibira mootummaa irratti karoorfachuu hin qabu” jechuun, amanamummaan kabajaafi galata akka qabu eerte.

‎Dhaabbatas ta’e maatii ijaaruuf dubartiin gahee olaanaa akka qabdu kaasuun, ijoolleen maatiifi biyya jaalatanii akka guddatan taasisuun, gocha gaarii egeree dhalootaafi biyyaa qajeelchu ta’uu itti dabaluun dubbatteetti.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply