Manni barumsaa sadarkaa lammaffaa Godina Jimmaa magaalaa Bashaashaatti Giiftii Dureen ijaarame eebbifame

You are currently viewing Manni barumsaa sadarkaa lammaffaa Godina Jimmaa magaalaa Bashaashaatti Giiftii Dureen ijaarame eebbifame

‎AMN PLUS- Adoolessa- 23/2017

‎Piroojektoota gurguddoo Waajjira Giiftii Dureen ijaaramaa jiran keessa barnoota qulqulluu lammii hundaaf dhaqabsisuu irratti kan xiyyeffate yoo ta’u, waggoottan dabran shanan waluumaa galatti manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa 34ffaa kutaalee biyyatti hunda keessatti ijaaruun barattoota 40,000 ol ta’an qe’ee isaaniitti barumaa akka argatan taasisurratti argamna jedhaniiru.

‎Waajjirri Giiftii Duree hojii kana cimsee itti fufuun har’a mana barumsaa sadarkaa 2ffaa 35ffaa eebbisiisuu beksisaniiru.

‎Damee barnootarratti jijjiirama fiduuf iddoowwan manni barumsaa dhiyeenyatti hin argamnetti manneen barumsaa ijaaruun, lammii gahuumsaafi dorgomaa ta’e uumuf, dhaloota barumsan qaruufi waliingahinsa barumsaa mirkaneessuuf gaheen jiru ol’aanaa ta’us ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply