Manni Marichaa baajata Birrii Tiriiliyoona 1.93 raggaase

You are currently viewing Manni Marichaa baajata Birrii Tiriiliyoona 1.93 raggaase

AMN PLUS Waxabajjii 26, 2017

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa har’a taa’een wixinee labsii baajata bara 2018 Birrii Tiriiliyoona 1.93 ta’uun dhiyaate raggaaseera.

Baajatichi labsii Lakkoofsa 1390/2017 ta’uun sagalee guutuun raggaa’eera.

Baajatni bara 2018 kun kan 2017 caalmaa Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 94 qaba.

Baajata ragga’e keessaa Birrii tiriiliyoona 1 fi biiliyoonni 200 baasii idileef , Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoonni 15 fi miiliyoonni 200 baasii kaappitaalaaf, Birrii biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 15 Mootummaa Naannolee fi Birrii biiliyoonni 14 galmoota misooma waaraa naannoleef kan oolu ta’uun ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply