Masaraa Dajjaazmaach Kumsa Morodaa haaromsuuf waliigalteen mallatteeffame

You are currently viewing Masaraa Dajjaazmaach Kumsa Morodaa haaromsuuf waliigalteen mallatteeffame

AMN PLUS Ebla 20/2017

Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa Masaraa Mootii Kumsaa Morodaa haaromsuu fi deebisee misoomsuuf dhaabbata Ijaarsaa ‘BYMT’ jedhamu waliin waliigaltee mallatteesseera.

Daarektarri ol’aanaa Abbaa Taayitichaa Gargaaraa Pirofeesaraa Ababaawu Ayyaaleew, Masaraan kun kan durii fi seenaa qabeessa ta’uu eeran.

Masarichi waggoota dheeraaf kan hin haaromfamnee fi damee tuuriizimiitiinis faayidaa osoo hinkenniin turuu beeksisan.

Hojiin suphaa kun of eeggannoodhaan qajeelfama suphaa hambaa hordofuun, ashaaraa duraanii fi qabiyyee hambummaa isaa osoo hingadhiisiin kan raawwatamuu akka ta’e himan.

Odeeffannoon Abbaan Taayitaa Hambaalee Itoophiyaarra argame akka mul’isutti, hojiin suphaa Masaraa Kumsaa Morodaa kun waggaa lama keessatti xumurama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply