Gareen Sarkasii Itoophiyaa “Black Lion” jedhamu dirgommii Raashiyaatti gaggeeffameen meedaaliyaa Meetii injifate.
Garichi dorgommii “Nikulin Circus Moscow” jedhamu irratti hirmaachuun gahumsa addaa agarsiisuun 2ffaa baheera.
Gareen kun bara darbes Feestivaala Sarkasii beekamaa Faransaayi “Cirque Monte Carlo” irratti hirmaachuun meedaaliyaa Nahaasii argateera.
Feestivaala Idil-addunyaa Bordeek 11ffaa “11th Cirque de Bayeux, France” irratti ammoo 1ffaa bahuun Waancaa Warqii injifachuunsaa ni yaadatama.
Dorgommii Raashiyaa tibbana geggeeffame xumuree garichi gara biyyaa yeroo deebi’us Pirezidaantii Sarkasii Biyyaalessaa Artiist Takiluu Ashaagireen simatameera.
Tagany Bafiqaaduutiin