Miidhaalee koorniyaa bu’uureffatan hambisuuf qindoominaan hojettamaa jira

You are currently viewing Miidhaalee koorniyaa bu’uureffatan hambisuuf qindoominaan hojettamaa jira

AMN PLUS-Sadaasa 3/2018

Miidhaa Koorniyaa bu’uureffatee dubartoota irra gahu hambisuuf qaamoolee dhimiichii ilaallatuu waliin hojeechaa jirachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immaanifi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi guyyaa sosoochii mormii koorniyaa akka adunyaatti yeroo 34ffaafi akka biyyaattii yeroo 20ffaaf kabajamuu ilaalchisuunibsaa midiyaaleef keenneera.

Hoggantuun Biiroo Dhimma ,Dubartootaa, Daa’immaniifi hawaasummaa magaalaa Finfinnee addee Qonjiit Dabalaa ‌‎Miidhaa koorniyaa bu’uureffatee gaggeeffamu irratti obsa tokko malee tarkaanfi fudhachuun, hawaasa miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra gahu baachuu hin dandeenye uumuuf yeroo hunda hojiin hubannoo uumuu cimee kan hojjettamu ta’uu eeran.

Mirga daa’immanii fi dubartootaa kabachiisuuf qaamolee haqaa, abbootii Gadaa, abbootii amantaa, haadholee Siinqee fi qaamolee qooda fudhattoota ta’an hunda waliin hojeechaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Gochoota faallaa aadaa fi safuu ummataa ta’an, gochoonni suukkaneessaan dubartootaa fi daa’imman irra gahaa jiran hafanii hawaasa guddina hawaasummaa horatee mirga daa’immanii fi dubartootaa kabajuu fi kabachiisu uumuuf mootummaan hojii hedduu hojjechaa jiru hawaasani cinaa dhaabachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Tsahaay Zawudeetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply