“Miidhagina Baalee suuraanis, viidiyoonis sirriitti ibsuu hin dandeessu” Weellisaa Leencoo Gammachuu

You are currently viewing “Miidhagina Baalee suuraanis, viidiyoonis sirriitti ibsuu hin dandeessu” Weellisaa Leencoo Gammachuu

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 13/2018

‎Weelluu “Walaabuu” jedhuun seenaa Oromoofi fuulduree miidhagina Baalee sirbaan akeekuun addunyaaf ibseera, Weellisaa Leencoo Gammachuun.

“Baaleen waan miidhagina uumaa qabuuf qofa miti, seenaa baroota lakkoofsiseefi aadaa hin tuqamne waliin as gahe” kan jedhu Leencoon, har’as akka misoomuuf kan taasise uumamaan miidhagduu ta’uu isheeti jedhe AMN Diijitaal waliin turtii taasiseen.

Weellisaa dargaggeessi uumama hordofee seenaa, aadaafi duudhaa uummataa aartiin ifa taasisu kun welluuwwan hawwattoota turizimii sirriitti agarsiisan ‘Walaabuu’n dabalata ‘Saglii’ fi ‘Muquxxaayee’ uummataaf jabaa jedheera.

‎”Bareeda Baaleetan jaalladheen Lixaa dhufeen si iyyaaffadhee….” jechuunis sirba isaa keessatti miidhagina Baalee aartiin kan ibse Weellisaa Leencoon, durumaa Baaleen jannata lafarraa fakkaachuu ishee ibseera.

Soofumariin ba’eetan baddaan qaqawwise Saannateerran tara jechuun walitti hidhe. Anaajina moo teessoon gaasaraa, jedhees Baalee waliin nu gahe.

‎Wanti suuraa fi viidiyoon ibsuu hin dandeenye tokko miidhagina Baalee ta’uu himuun, sirbi “Baaleen bu’aa… Baaleen bu’aa” jedhu sunis dhuguma, Baaleen biyya bu’anii waa jannata lafarraa argan tahuu hima.

‎Maddi Walaabuu, seena Kuushii fi uummata Oromoo keessatti bakka seenaa qabeesa tahuu seenaan ibsu dhaloota hubachiisuuf jecha kan weellise tahuus dubbateera.

‎Akkuma Ministeerri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Onneen jiraannaan dukkana ibsuun akka danda’amu addunyaatti agarsiisuun nu boonsaniifi guddinaa fi miidhagina biyyaa irratti xiyyeeffatan, anis kaayyoon koo dacheen Oromiyaa diyaamandii ta’uu ishee Aartiidhaan addunyaaf ibsuudha” jechuun AMN Dijiitaaliif dubbateera.

‎”Baaleedhaaf waanuma maluufitu ta’eefi” jechuun Pirojektii Baaleetti hojjetameef dinqisiifannaa qabu ibseera.

‎Dur Holqa Soofumar jalatti biyyoota 69 ol irraa walitti yaa’anii barnoota amantii fi ammayyaa barachaa akkuma turan, Baaleen sichis lafa seenaa, Oromoon dhaqee caaya godhatee jala taa’ee tokko tokkummaa isaa cinsatuu fi godambaan garaa garaa itti kalaqamu akka ta’u pirojektiin hojjetamuu eegalame agarsiiftuu tokko ta’uu Weellisaa Leencoo Gammachuu himeera.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply