Miidiyaan Soofumar eebiifame

You are currently viewing Miidiyaan Soofumar eebiifame

AMN PLUS- Hagayya 24/2017

Miidiyaan Soofumar kan Gaazexeessituu Masarat Dhaabaatiin hundaa’e har’a eebbifame.

Miidiyaan kun Aadaafi duudhaa, aartiifi Qabeenya Uumamaa Dachee Oromiyaa beeksisuuf kan hundaa’e ta’uu Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa dubbatte.

Ogummaa Gaazexessummaa abbaa isheerraa dhalteen ummata Oromoo tajaajilutti gammaduu himteetti.

Kutannoofi kakka’umsa ofii qofaan Miidiyaa Soofumar hin hundessine kan jettu Gaazexeessituun Masarat Dhaabaa dhaabbileefi namoota dhuunfa tumsan taasisan galateeffatteetti.

Sirni eebbaa kun bakka Kutaaleen hawaasaa, keessummoonni godinaalee Oromiyaa garagaraa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siiqqee, Aartistoonni, Gaazexeessitoonniifi namoonni Miidiyaa hawaasaatiin dhiibbaa uumuun beekaman argamanitti geggeeffameera.

Namoomsaa Baalliitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply