Saaliim Alii, Saayintistii Yuunivarsitii Dalawaare yoo ta’an, barreeffama barruu Forbes irratti maxxansiisaniin, hooggansi mootummaa qindoomina qabu hojii kamiyyuu galmaan ga’uu irraa duubatti akka hin jenne, Itoophiyaan fakkeenya ta’uu mirkaneessaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa Qaammee bara 2017 keessa Hidha Haaromsa ijaaranii xumuruun eebbisiisuun injifannoo guddaa argatanii jiraachuu eera, barreeffamni hayyuu kanaa.
Haaromsi Anniisaa Elektirikaa maddisiisuun hidha Afrikaa keessaa isa guddaa ta’uus yaadachiiseera. Pirojektiin Haaromsaa biyyootni garaa garaa silaa faayinaansiin deggeruuf waadaa galan biyyoota yaa’a gadii waliin walitti bu’iinsatti seensisa jedhuun yaaddoo qaban kan fashaleesse ta’uu Forbes hordoftoota isaaf ibseera.
Biyyootni yaa’a gadii Haaromsi nu miidha jedhanii olola waraanaa afarsaa turanillee, Looreetiin Nobeelii Nagaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaaddoo isaanii kana hunda karaatti hambisuun, galma isaaniitti cichanii Riivaanii Haaromsaa kutuun, injifannoon qindoomina hooggansa mootummaafi uummata isaaniin argamuu carraa ittiin mirkaneessan isa olaanaa ta’uu eera, Forbes.
Itoophiyaan coba bishaanii, coba dafqaa, coba imimmaaniifi coba dhiigaa lammiilee isheen humna, maallaqaafi beekumsa ofiitiin “Haaromsa” milkeessitee, “Barii” misiraachoon labsuu ishee kan kaase Forbes, lammiileen Itoophiyaa doolara Ameerikaa miliyoona 400 fi miliyoona 60 ol guduunfaa isaaniirraa hiikuun Haaromsaaf gumaachuu yaadachiiseera.
Biyyootni waadaa galan Forbes maqaan eere, osoo “Dumbulloo” tokkollee hin gumaachin, osuma ijni isaanii, firaafi alagaa akkasumas diinni ilaaluu, Haaromsi dhalatee, haaromsi guddatee, haaromsi ga’eessa ta’ee, ijuma isaanii fuulduratti surraa gonfachuun madda ifaa Afrikaa ta’uu caqaseera.
Kanaafis, lammiileen Itoophiyaa duulaan, boondii bituun, sagantaawwan ispoortii garaa garaa qopheessuufi carraa lootarii mijeessuun daayaspooraanis Haaromsaaf gumaachuun ashaaraa hin dagatamne kaa’uun kan eerame yoo ta’u, gumaachi aayyoon sabbata ishee hiiktee taasiste, liistiroo hamma abbaa qabeenyaatti hirmaannaan ho’aa taasifame, bu’aa galmaa’een deebii quubsaafi boonsaa argachuu barruun Forbes barreeffama isaa baaseen hordoftoota isaa biraan ga’eera.
Lammiileen Itoophiyaa harki walakkaan ifaa abdiin eegan misiraachoo kanaan gammachuun isaanii dachaa ta’uu eeruun, Looreetiin Noobeelii Richaard Ismaalii jedhaman, ”Hanqinni qaqqabummaa annisaa rakkoo guddaa dhala namaa quunnamaa jiru, hiyyummaa keessa bahuufis annisaan furtuu murteessaati” jechuun akka ibsan, barreessaan barruu kanaa ni caqasu.
Barreessaan barreeffama kanaa Ministira Muummeee Abiyyi Ahimad yeroo digirii isaanii doktorummaa baratan akka isaan beeku caqasuun dhimma Laga Abbayyaa irratti durumaanuu xiyyeefannoo olaanaa kennuufi milkaa’ina pirojektii Haaromsaaf kallattii kan agarsiisu akka ture yaadatu.
Pirojektii Hidha Haaromsaan milkaa’ina argame Qindoominni Hooggansa Mootummaa, ‘Convergent Governance” jechuunis gaggeessaan mul’ata qabu birmadummaa anniisaafi misoomaa mirkaneessuuf dhaabbilee hanga gajjallaatti jiran waliin qindaa’uun hojjachuun galma qabate milkeessuuf tattaaffii taasifame, Itoophiyaa akka fakkeenyaatti eeruun ibsee jira.
Qindoominni hooggansaa kun ogummaa dhaabbilee gara garaatiin deggeramuun sadarkaa olaanaa irra ga’uus eereera.
Daandii Xiyyaara Itoophiyaa, akkauma, Itoophiyaa addunyaa maratti beeksisu hundaa, hooggansi qindaa’aan Haaromsa milkeessuun seenaa boonsaa galmaa’een beekamtii olaanaa argachuu kaasa.
Barruun Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) irra deddeebi’uun ajaa’ibsiifannaan kaasu kun, milkaa’ina argameef, yaadni isaanii “Ida’amuu” jedhamuun kitaabaan barreeffame, wal ta’uun, qindaa’uufi hojiin garee milkaa’ina akkasii akka fidu sirriitti lafa kaa’a” jedha.
Biyyootni yaa’a gadiis dhiibbaan Haaromsaan isaan irra ga’u tokkollee waan hin jerreef akka Naannootti qindaa’anii Itoophiyaa waliin hojjachuu akka qaban, barreessaan barruu kanaa dhaameera.
Malkaamuu Abbabaatiin