Injifannoo Adawaa 2ffaa kan ta’e milkaa’inni Hidha Haaromsaan argame hojiilee biroon itti fufuu akka qabu Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsan.
AMN marii torbanii yeroo hundumaa Wiixata hojjattootni hojiif itti onnatan qopheessuun har’a dhimma Injifannoowwan Hidha Haaromsaan argaman irratti mari’ateera.
Obbo Kaasahun maricharratti “Ogeessotni miidiyaa dhimmoota ijaarsa biyyaa irratti shoora olaanaa bahachaa jiru” jedhan.

Ijaarsi Hidha Haaromsaa jalqabbiirraa kaasee haga xumuraatti hirmaannaan hawaasaa akka guddatufu dhiibbaa idil addunyaa hidha kanarra ture qolachuu keessatti AMN gahee adda duree bahachaa turuus ibsan.
Tattaaffiifi tokkummaa milkaa’ina hidha haaromsaatiin bu’aan akka mul’ate himan.
Hidha haaromsaatiin Adawaan 2ffaa akkuma hojjatame, hojiilee birootiin itti fufsiisuun hojii guyyuu ta’uu akka qabu ibsan.
Ammas ogeeyyiin miidiyaa gahumsaan hojjachuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu akka qaban himaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin