Milkaa’inni Hidhaa Haaroomsaa ilaalcha biyyoota alaa Itoophiyaaf qaban jijjiire- Hayyoota

You are currently viewing Milkaa’inni Hidhaa Haaroomsaa ilaalcha biyyoota alaa Itoophiyaaf qaban jijjiire- Hayyoota

‎AMN PLUS- Hagayya 21/2017

‎Imala xiiqii ummatni Itoophiyaa xiqqa hanga guddaatti irratti hirmaataniin, Ijaarsi Hidhaa Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa milkaa’eera.

‎Hidhaa kana kennaa Bara Haaraa gochuun Itoophiyaanotaafi Afriikaanota badhaasuuf akkasumas addunyaaf ifa taasisuuf guyyoota muraasatu hafa.

Gorsaan Ministira Ministeera Bishaaniifi Inarjii Obbo Mootummaa Maqaasaa turtii AMN PLUS waliin taasisaniin, ‎Itoophiyaan hidha kana ijaaruu hin dandeessu jechuun guutuun addunyaa ajandaa godhatee hasa’aa kan ture san lammiileen kutannoon ka’anii yaadama sana akka jijjiiran dubbataniiru.

‎Biyyoonni addunyaa Itoophiyaan dhuguma pirojektii guddaa hagana gahu kana ijaaruu dandeessi jedhanii kan shakkan san jijjiiruun, akka Itoophiyaan cimtuu, jabduu taate ifatti agarsiisuun ilaalcha siyaasaafi kutannoo biyyattiin dinagdeerratti qabdu kan mul’isu ta’uu Obbo Mootummaa Maqaasaa ibsaniiru.

‎Milkaa’inni Hidha Haaromsaa walitti dhufeenya Itoophiyaafi biyyoota oolla akkasumas dipoloomaasii biyyoota heddu waliin uumuu keessatti gumaachi isaa guddaa ta’uu Barsiisaafi Qorataan Dhimma Bishaanii Dr. Bojaa Mokonnin ni ibsu.

‎Humna ibsa amma Hidha haaromsarraa maddu biyyoota Gaanfa Afriikaafi kanneen birootiif ‘export’ gochuun walitti hidhaamiinsa dinagdee Itoophiyaan biyyoota addunyaa waliin qabdu daran akka cimsu Dr. Bojaa Mokonnin kaasaniiru.

‎Milkaa’inni ijaarsa hidha haaromsaa dandeettii Itoophiyaa qofa osoo hin ta’in gahumsa Afrikaanootaallee addunyaatti akka agrsiise Falmaan Hidha Haaromsaafi Fayidaa Biyyaalessaa Obbo Muusaa Sheekoo ibsaniiru.

‎Itoophiyaan Hidha kana ijaaruu isheetiin yeroo 14f mana maree addunyaatti kan himatamte, atakaroo kana hunda keessa dabruun injiffaannoo har’aa kana hidha Abbayyaa kana xumuruun eebbaf qopha’uun ishee injiffannoo boonsaa ta’uu Obbo Muusaa Sheekoo dubbataniiru.

‎Hidhan Haaromsaa Itoophiyaa kun biyyoota baha Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii akka fidus obbo Mootummaa Maqaasaa himaniiru.

Kunis hidhi kuni madda waloo biyyoota baha Afrikaa waan ta’eef biyyoonni wal danda’uun misooma waloorratti akka xiyyeeffataniif gumaachi isaa olaanaa ta’uus ibsaniiru.

‎Gama biraatiin harkisa tuurizimii ta’uun magaaloota itti dhiyeenyan argamaniif madda galii guddaa akka uumu Dr. Bojaa Mokonnin himaniiru.

‎Biyyoota yaa’a gara gadiis lagni Abbayyaa hidhamuun wanni inni miidhu akka hin jirre ibsameera. Inumaa bishaan yeroo gannaa yaa’e dabruu kuusuun yemmuu hanqinni bishaanii mudatellee seera addunyaatiin bishaan gahaa ta’ee akka yaa’u taasisuun akka danda’amus ibsameera.

Shuumii Badhaasootiin

.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply