Ministeerichi, Ambaasaaddar Ayyalaa Liiree lubbuun darbuu isaaniin gadda itti dhagahame ibse

You are currently viewing Ministeerichi, Ambaasaaddar Ayyalaa Liiree lubbuun darbuu isaaniin gadda itti dhagahame ibse

AMN PLUS- Fulbaana 12/2018

Kuubaatti Ergamaa Addaafi Ambaasaaddarri Angoo Guutuu Itoophiyaa Ayyalaa Liiree Jijaamoo boqochuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ambaasaaddar Ayyalaan, Fulbaana 10, 2018 tasa lubbuun darbuu Ministeerichi beeksiseera.

Ambaasaaddar Ayyalaan Ministeera Dhimma Alaa keessatti ogeessa ta’uurraa eegalee haga hojiilee hogganuutti hojjetaa turaniiru.

Imbaasii Itoophiyaa Kuubaa magaalaa Haavaanaa jiruun dabalata Baarbaadoos, Dominikaan Rippabliik, Nikaaraaguwaa, Seenti Viinsentiifi Giraanaariis, Seenti Kiitsifi Neevis akkasumallee Bahaamasitti Itoophiyaa bakka bu’uun nama hojjetaa turanidha.

Ministeerri Dhimma Alaas lubbuun darbuu Ambaasaaddar Ayyalaan gadda itti dhagahame ibsaa, maatiifi firoottaniif jajjabina hawweera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply