AMN PLUS – Amajjii 13/2017
Tajaajilli lammummaa fayyadamummaa uummata naannichaa mirkaneessa jiraachuu isaa Biiroon Kominiikeeshinii Oromiyaa ibseera.
Hooggantoonni Naannoo fi Ogeessoonni miidiyaalee hojiilee tajaajila lammummaatiin hojjetaman daawwachaa jiru.
Aadaa fi duudhaa kenna tajaajila lammummaa uummanni keenya Sirna Gadaa isaatiin gabbifate fayyadamuun uummanni naannichaa yeroo, humna, beekumsa, ogummaa fi qabeenya qabuun naannoo fi biyya isaa bilisaan akka tajaajilu bara 2011 caffeedhaan ragga’ee hojiitti galamuu isaatiin bu’aawwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hedduu galmaa’aniiru.
Labsiidhaan hojiirra akka oolu taasifamuusaatinis dhaloonni akkaataa duudhaa Sirna Gadaa nu barsiisuun gahee lammummaa isaa akka bahu taasisuun dhaloota dandeettii, gahuumsaa fi jaalala biyyaa cimaa akka horatu taasisaa jira.
Guyyaa har’aas qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa fi Biiroo Maallaqa Oromiyaatin hojiileen tajaajila lammummaatiin Magaalaa Adaamaatti hojjetaman hooggantootni naannoo fi ogeessootni miidiyaalee daawwachaa jiru.
Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa akka jedhanitti, kaayyoon daawwannichaa ogeessootni miidiyaalee hojiiwwan tajaajila lammummaatin hanga ammaatti hojjetamanii fi ummanni irraa fayyadamaa ta’aa jiru gabaasuun uummata bira akka qaqqabsiisanii fi hawaasnis hojiilee gara fuuladuraatiif hojjetamaniif tumsa barbaachisu akka taasisu yaadameeti.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Maallaqa Oromiyaa fi Itti Gaafatmaan Damee Tajaajila Lammummaa Dr. Mahaammadnaasir Abbaajamaal, hojii tajaajila lammummaa bara 2011 Caffeedhaan ragga’ee bara 2012 hojiitti galame as hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneessan qarshii biliyoona 550 ol tilmaamamu kan hojjetame ta’uu ibsaniiru.
Bara kanas gosoota hojii 53n hojii qarshii biliyoona 300 ol tilmaamamu hojjechuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hojii qarshii biliyoona 222 ol tilmaamamu raawwatamuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan yeroo ammaa hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa Magaalaa Adaamaa kutaa Boolee aanaa Goorotti hojjatame dawwatamaa jiraachuu isaa BKO irraa odeeffanne.