Ministirri Muummee Ayyaana du’aa ka’uu ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Ergaan ayyaanaa Ministirri muummee dabarsan kunoo
Baga ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe, Du’aa ka’uun ayyaana aarsaa, ciminaa fi abdiiti.
Miidhaa kan geessise addunyaadha. Arsaa kan ta’e garuu Kiristoosi. Kan balleesse nama, kan kiise garuu Kiristoosi. Abbaan Idaa nama. Kan kaffale garuu Kiristoosi.
Duuti Kiristoos karaa tokkoon fayyisuufi, karaa biraa barumsaafi. Heddootaaf jecha aarsaan yoo hin kaffalamne, heddoota fayyisuun hindanda’amu. Biyya, ummata, lammii fayyisuun yoo barbaadame aarsaa kafaluutu barbaachisa. Kiristoos afaaniin qofa hin dubbanne. Jaalalasaa Fannoorratti agarsiise malee. Kiristoos araarsaa, araaramaa, aarsaas ta’e.
Itiyoophiyaa kan jaalatu hundi aarsaaf kan qophaa’e ta’uu qaba. Aarsaa birootiin imaluu namoonni kakuu moofaa raawwataniiru. Ro’oota kumaa fi hoolota kuma aarsaa godhanii ture. Hin taane malee. Biyya baraaruun kan danda’amu aarsaa namoota biroon miti. Ofii aarsaa ta’uuni malee. Humna, yeroo fi beekumsa ofii aarsaa gochuuni malee. Kabaja ofii fi of qofa jaalachuu aarsaa gochuuni malee.
Biyya baraaruuf gara fannoo gad ofqabuu, araara mariitti buusuun aarsaa ofgochuudha. Fannoo rakkina jabaadha, arrabsoodha, tumamuudha, salphina. Karaa nagaa fi araaraatti yoo ofqopheessinu namoota hedduurraa arrabsoo, abaarsa, rakkinatu nu’eeggata.
Kan nubaasu Fannoo Itiyoophiyaa Liitoosxiraa irraa amma Qaraaniyootti baachuudha. Itiyoophiyaan akka olkaatuuf jecha Fannooshee baachuu.
Du’aa ka’uun Injifannoo cichanii dhaabachuun booda argamudha. Fuuldurasaa murtii dimshaashaa, blaaleffannaa, tumamuu, qullaa ta’uu, haalamuu, dukkana, addeessi dhiiga uffachuu, harca’uu urjiiwwaniitu jira. Otoo kun hundi jiruu garuu Kiristoos akkuma hoolaa qalmaaf dhihaatee kan isa qalan duratti cimee dhaabate. Kaayyoof jecha rakkina obse.Namaaf jecha hunda otoo danda’uu cichee imale.
Biyyi Cicha barbaaddi. Rakkinaa fi balaaleffannaa dura dhaabachuu. Arrabsoo fi tuffii dura cichuun dhaabachuu. Beektonni akka biiftuuttu ilaalaman yoo bada, kabajamtoonni akka urjiitti ilaalaman yemmuu harca’an cichuun dhaabachuu. Kan waliin jiran sodaachuun fi gurguramanii yemmuu ganan cichuun dhaabachuu barbaaddi biyyi. Kanneen cichanii dhaabataniif olka’uun Itiyoophiyaa baayyee dhiheenya qofa miti. Kan mul’atudha.
Du’aa ka’uun abdiidha. Qormaanni akka darbu abdii namatti hora. Jimaata kan arge Dilbanni kan dhufu hinse’u ture. Nama dhagaa awwaalchaa argeef waan ka’u hinfakkaatu ture. Maataba kan arge waan furamu hinfakkaatu ture. Nama dukkanicha argeef ifti fagoo fakkaata ture. Hundi garuu faallaa ta’e . Abbaan seenaa, seenaa jijjiire.
Abdiin keenya balbala keenya jira. Jimaatarra teenyee Dilbata ni’argina. Du’aan gamatti jireenya, awwaalcharra qaarinee du’aa ka’uu ilaalla. Abjuu qabatamu, raga qulqulluu qabna. Kanaaf dambalii fi ailleensi ተnundinqisiisan. Har’I boruuf, duuti du’aa ka’uuf bakka akka gad-lakkisan nibeeknas, ni’amannas.
Itiyoophiyaan akka olkaatu kan carraaqan hedduun jiru. Yeroongidiraa darbaa jira. Amma jimaata gara galgalaarra jirra. Guyyaa tasgabbiin booda Itiyoophiyaan mataa olqabatti. Kan deeman keessaa hedduun nideebi’u. Kanneen dogoggoran keessaa hedduun nihubatu. Guyyaa Jimaataa tasumatti kan wacan nisaalfatu. Kanneen murtii kennan nigaabbu. Kan dura dhaabatan nibittinnaa’u. Kanneen bakka awwaalchaa eegan ninahu.Itiyoophiyaan garuu kan hin oolle mataa olqabatti
Du’aa ka’uun Israa’el irraa addunyaaf akkauma himame,Itiyoophiyaanis addunyaaf ni’ifoomti.Ayyaanni du’aa ka’uu kana nubarsiisa.
Itiyoophiyaan ilmaansheetiin kabajamtee bara baraaf haajiraattu!!
Waaqayyo Itiyoophiyaa fi ummatashee haa’eebbisu!
Ebla 11bara 2017