Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) BRICS yaada haaraa fi cimaa irraa ka’ee humna jijjiiramaa idil addunyaa guddaa ta’uusaa himan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) BRICS yaada haaraa fi cimaa irraa ka’ee humna jijjiiramaa idil addunyaa guddaa ta’uusaa himan

AMN Waxabajjii 30/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) yaa’ii 17ffaa BRICS irratti haasawaa taasisaniiru.

Ministirri Muummee yaa’ii BRICS 17ffaa Biraazil Riiyoo Dii jeenirootti ta’aamaa jirurratti, waltajjii hoggantootaa nageenyaa fi tasgabbii irratti haasawaa taasisaniin, Dhaabbileen idil- addunyaa wal amantaa jajjabeessan jiraachuun murteessaa ta’uu kaasan.

Dhaabbileen Maallaqaa Idil addunyaa nageenya waloo fi badhaadhina hundagaleessaa fiduuf caasaa murtoo itti kennen kara guutuu ta’een haala itti fooyya’uu danda’urratti yaada kennaniiru.

Itiyoophiyaan ifatti BRICS tti kan makamte bara 2015 yoo ta’uu michummaa diinagdeef qofa osoo hin taane addunyaa Haqni fi Walqixxummaan itti mirkanaa’e uumuuf qixa biyyoota tattaafataniin kan itti hirmaatedha jedhan.

Itiyoophiyaan akka miseensummaa BRICStti keessattuu waltajjiiwwan idil aaddunyaa murtoon itti kennamurratti yaadawwaan haaraa fi biyyoota guddinarraa jiraniif akkaataa bakka bu’uumsa bal’aa itti argatanirratti hirmaannaa olaanaa taasisaa jirti jedhan.

Dooktar Abiy dhiibbaa BRICS cimaa dhufee wayita ibsan, BRICS yaada haaraa fi cimaa irraa ka’ee gara humna Jijjiiramaa idil Addunyaa guddaa ta’eera, miseensoota haaraa dabaluun sagalee waloo caalmaatti cimsuu dubbataniiru.

Kaayyoon waloo caalmaatti ifa dandeettiin kenyaas ni bal’ataa jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply