Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Daareektara Olaanaa Ejensii Humna Atoomiikii Addunyaa Maariyaanoo Riroosii waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin har’a ganama Yaa’ii Reeyis Of Hoops irratti hirmaachuuf Finfinnee kan dhufan Daareektara Olaanaa Ejensii Humna Atoomiikii Addunyaa Maariyaanoo Riroosii waliin wal argeera jedhan.
Mariin isaaniin deeggarsa Humni Atoomiikii Addunyaa Itoophiyaaf taasisu, kunuunsa waldhaansa Kaansarii, fayyaa beeyiladaa, tisiisa Tsatsa filaayi jedhamu balleessuu, Injinariingii Niwukileraafi hammattoo to’annoorratti kan xiyyeeffate akka ta’es ibsaniiru.
Marichi deeggarsa taasifamaa jiru irratti kan xiyyeeffateefi carraawwan qindoomina egereerratti kan bu’ureeffate akka ta’es ibsaniiru.