Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Hojii Raawwachiisaa Olaanaa ‘Webuild Group’ Peyitiroo Saaliinii waliin mari’atan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Hojii Raawwachiisaa Olaanaa ‘Webuild Group’ Peyitiroo Saaliinii waliin mari’atan

AMN PLUS Caamsaa 18/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Hojii Raawwachiisaa Olaanaa ‘Webuild Group’ Peyitiroo Saaliinii waliin Roomitti mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Hojii Raawwachiisaa Olaanaa ‘Webuild Group’ Peyitiroo Saaliinii waliin Roomitti wal arginee raawwii pirojektoota gurguddoo irratti hirmaachaa jiraniirratti mari’annerra jedhan.

Hidha Haaromsaa dhiheenya xumuramu akkasumas rawwii si’ataa hidha Koyishaa irratti akkuma mul’ate galmoota biyyaalessaa keenya gama milkeessuun tumsi ‘Webuild Group’ waliin qabnu murteessaadha jedhan.

Marii har’aatiin raawwii pirojektoota jjaarsarra jiranii, bu’a qabeessummaa si’aayina qabu irratti kalaqaa fi egeree jiddu gala hojii keenyaa gochuun hojjechuu akka qabnu dubbanneerra jedhan.

Mariin keenya guddina dinagdee geggeessuu fi misooma yeroo dheeraa deeggaruun pirojektoota biyya ceesisan raawwachuun kutannoo waloo keenay kan mul’isedha jechuun ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply