Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Inistiitiyuutii Ispees Saayinsii fi Jii’oo Ispaashaalii Itoophiyaa daawwataniiru.
Institiyuutichi odeeffannoowwan lafarraa hanga hawaatti jiran xiinxaluun dhaabbata hojiiwwan qorannoo hojjetuudha.
Hojiiwwan qorannoo kanas karaa saayinsaawaa ta’een xiinxaluun, hojiiwwan raagaa hojjechuun qaamolee dhimmi ilaallatuuf erguun akka itti fayyadaman taasisa.
Qorannoofi Qo’annoon Jii’oo Ispaashaal dameewwan garagaraan kan hundaa’e yoo ta’u har’a kutaawwan hojii addaa addaa itti odeeffannoo xiinxaluufi hojiin qorannoo daawwatamuu Waajjira Ministira Muummeerraa odeeffanne.