Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin manni maree ministirootaa bara dhufu hojiirra kan oolu karoora dameewwan hundaafi karoora misoomaa biyyaalessaa 2018 qorachuu himan.
Bara hojii 2017’tti guddina hojii hiikoo qabuufi imala guddinaa bara 2018’f bu’uura cimaa ta’u raawwanneerra jedhan.
Kanumarraa ka’unis manni maree ministirootaa bara dhufu hojiirra kan oolu karoora dameewwan hundaafi karoora misoomaa biyyaalessaa qorachuu himan.
Qorannoo hojiifi mariin cinaattis Sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabneerra jedhan.