Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Misooma Qarqara Laggeenii Finfinnee daawwatan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Misooma Qarqara Laggeenii Finfinnee daawwatan

AMN PLUS- Hagayya 02/2017

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) Miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun adeemsa hojii misooma qarqara laggeenii Finfinnee daawwataniiru.

Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa walga’ii Mana Maree Paartii Badhaadhinaan booda adeemsa hojii misooma qarqara lagaa Finfinnee daawwanneerra jedhan.

Qarqarri laggeenii fayyaalessiifi haalaan eegaman sirna naannawaafi qulqullina bishaanii eeguurra darbee haala nageenya jireenya hawaasaa kan fooyyessaniifi magaalonni qormaataaf kan hin jilbeeffanne akka taasisanis ibsaniiru.

Hojiin kun boqonnaa Kanaan kutaalee magaalaa 5 keessa kan bahuufi dheerina kiiloomeetira 21.5 kan qabu ta’uu kaasanii, pirojektichi daandii imaltoota lafoo, daandii biskileetii, pilaazaawwan uummataa, iddoowwan dhaabbii konkolaataa, iddoowwan daa’imman taphatan, suuqiiwwaniifi Amfii tiyaatiroota hammachuu eeraniiru.

Kaayyoowwan pirojektichaas faalama lageenii maqsuu, saaxilamummaa balaa lolaa magaalichaa hir’isuu, bu’uuraalee misoomaa uummataa babal’isuu, baay’ina bakkeewwan magariisaa dabaluufi carraa hojii uumuu ta’uu ibsaniiru.

Pirojektichi wayita xumuramu eegumsa naannoorra darbee magaalichaaf qarqara lageenii hawwataafi waaraa argamsiisuun diinagdee fi sadarkaa jireenyaa kan guddisuu ta’uus hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply