Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Niishaanii kabajaa guddicha Itoophiyaa Biil Geetiin badhaasan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Niishaanii kabajaa guddicha Itoophiyaa Biil Geetiin badhaasan

AMN PLUS Caamsaa 24, 2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) sagantaa har’a Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti qophaa’e irratti Niishaana kabajaa guddicha Itoophiyaa Biil Geetiin badhaasaniiru.

Badhaasni kabajaa kun hojiilee gurguddoo Faawundeeshiniin Geets waggoottan 25 darban Itoophiyaa keessatti hojjeteefi dhiibbaa gaarii baroottaniif uumeef kan kenname ta’uun himameera.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) haasawaa saganticharratti taasisaniin, hojiile Faawundeeshiniin Biil Geets waggoota 25’f hojjeteef nan galateeffadha jedhan.

Biil Geetis teeknooloojiin dursuurraa imala gara tola ooltummaatti taasisan kaasuun, tajaajila isaanii amantaa kabajaafi walqixxummaa irratti hundaa’e dinqisiifataniiru.

Tattaaffii Faawundeeshinichi dameewwan fayyaa, qonnaafi eenyummeessaa diijitaalaan akkasumas tumsa cimaa kabajarratt hundaa’e qabaachuu isaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad kaasuu isaanii Waajjira Ministira Muummeerraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply