AMN Onkoloolessa 9/2017
Itoophiyaan buufata Sirna Saatalaayitii Navigeeshinii Addunyaa (GNSS) fi maagneetoomeetirii hojiitti galchhuun ishee himame.
Pirojektichi hanqina bu’uuraalee misoomaa hordoffii haala qilleensa hawaa Afrikaa keessatti mul’atu guutuuf gahee olaanaa qaba jedhameera.
Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oospaashiyaal Itoophiyaa buufata fudhannaa Sirna Saatalaayitii Navigeeshinii Addunyaa (GNSS) fi maagneetoomeetirii Giddugala Observatory fi Qorannoo Inxooxxootti argamu milkaa’inaan hojiitti galchuu isaa Space in Africa gabaaseera.
Pirojektiin kun Ejensii Hawaa Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa (SANSA) waliin kan qophaa’e yoo ta’u, qorannoo hawaa addunyaa keessatti, keessumaa hordoffii haala qilleensa hawaa fi xiinxala dirree maagneetii lafaa irratti gumaacha Itoophiyaan qabduuf milkaa’ina guddaa ta’uu ibsameera.
Buufatni fudhataa GNSS haaraa hojiirra oole kun GPS fi tajaajila kana fakkaatan dabalatee sirna navigeeshinii saatalaayitii adda addaa irraa mallattoo qabachuuf kan qophaa’edha.
Dandeettiin kun odeeffannoo bakka fi yeroo sirrii ta’e kan dandeessisu yoo ta’u, kunis hojiiwwan akka qorannoo ji’oofiziksii, hordoffii kirkira lafaa fi qorannoo haala qilleensaatif murteessaadha.
Dabalataanis, maagneetoomeetirichi jijjiirama dirree maagineetii lafaa kan safaru yoo ta’u, taateewwan ji’oomaagneetikii fi dhiibbaa isaan sirna qunnamtii saatalaayitii fi navigeeshinii irratti qaban hubachuuf daataa bu’aa guddaa qabu kenna.
Tolasaa Maabiraateetiin