Ministirri Muummee Ingilaandi Kiir Istaarmer Lubbuun darbuu Taphataa sarara Fuulduraa garee biyyaalessaa Poorchugaaliifi Liivarpuul Diyaagoo Jootaatiif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Balaa Konkolaataa Diyaagoo Jootaa muudateen Obboleessa isaa waliin battalatti lubbuun isaa darbutti baay’ee rifachuu kan himan Kiir Istaarmer Maatii isaa, Jaallattoota Kubbaa Miilaa,garee biyyaalessaa Poorchugaaliifi Liivarpuuliif jajjabina hawwa jedhan.
Dursaa garee biyyaalessaa Poorchugaal Kiristaanoo Ronaaldoo,leenjisaa Liivarpuul duraanii Yergan Kilooppi, Taphataa Maanchistar Yunaayitidiifi miseensa garee Poorchugaa Biruunoo Fernandez dabalatee taphaattoonni Pirofeshinaaloonni idil addunyaa garagaraa gadda itti dhaga’ame ibsuun, daa’immman isaa akka guddisaan waadaa seenaniiru.
Namoomsaa Baalliitiin