Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanin dabarsaniin Ogeessota miidiyaa dhaabbilee Miidiyaa uummataa fi dhuunfaarraa walitti dhufan waliin mari’achuu ibsaniiru.
Mariin kunis mariiwwan qooda fudhatoota waliin taasifame ture keessaa isa xumuraa ta’uu himan.
Maricharrattis dhimmoonni indaastirii waliin walqabataniifi qormaatawwan jiran gadi fageenyaan ilaalamaniiru jedhan.
Hojiiwwan misoomaa Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran uummata beeksisuu, marii gabbisuu akkasumas tarkaanfii guddina biyyaalessaa utubuu keessatti miidiyaaleen gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru.